Kaabineen magaalaa Finfinnee ajandaalee lamarratti murtoo dabarse

You are currently viewing Kaabineen magaalaa Finfinnee ajandaalee lamarratti murtoo dabarse

AMN PLUS- Guraandhala 7, 2017 Kaabineen bulchiinsa magaalaa Finfinnee Walga’ii Idilee 8ffaa bara hojii 4ffaa taa’een ajandaalee lamarratti murtoo dabarseera.

Haaluma kanaan wixinee labsii hojjetoota mootummaarratti mari’achuun Mana Maree bulchiinsa magaalichaaf akka dhiyaatu qajeelchera.

Akkasumas wixinee labsii Dhaabbilee Barnoota, Ogummaa fi Teeknikaa irra deebiin hundeessuuf dhiyaaterratti mari’achuun Mana Maree bulchiinsa magaalichaaf akka dhiyaatu murtoo dabarsuu ragaan Waajjira Kaantiibaarraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply