Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee Atoobisoota tajaajila geejjiba uummataa kennaniifi elektiriikaan hojjetan 100 har’a hojii eegalchiisaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee Bulchiinsi magaalichaa rakkoo tajaajila geejjibaa uummata magaalichaa salphisuuf hojjetaa jira.
Atoobisoonni elektiriikaan hojjetan kunneenis elektiriikaan kan hojjetaniifi faalama qabeenya qilleensaa ittisuuf kan gargaaran ta’uu eeraniiru.
Atoobisoonni 100 hojii eegalan waloomni mootummaafi damee dhuunfaa kan itti dhugoome ta’uu himan.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee yeroo ammaa guyyaatti atoobisoota tajaajila geejjiba uummataa kennan kuma 1 fi 170 oli bobbaasuun hawaasaaf tajaajila geejjibaa kennaa akka jirus Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsaniiru.
Sirna eegalchiisa tajaajila geejjibaa kanarratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, Af-yaa’iin Mana Maree Magaalichaa Buzeenaa Alqaadir, Ministirri Geejjibaafi Lojistiiksii Alamuu Simee (Dr.) hooggantoonni olaanoon bulchiinsa magaalichaafi kutaaleen hawaasaa gargaraa argamaniiru.