Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adde Adaanech Abeebee Pirezidaantii Naannoo Beenishaangul Gumuz Obbo Ashaadlii Hasan waliin ta’uun Magaalaa Asoosaatti biqiltuu dhaabaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Magaalaa Asoosaatti qe’ee ‘Indaastirii Qonnaa Haalawaa’ hojiiwwan maaddii guutuun hojjetamaa jiran daawwanneerra jedhan.