AMN PLUS- Guraandhala 27/207
Baankiin Sikkeet fayyadamummaa dubartootaa dinagdeen gahoomsuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu isaa himameera.
Baankichi guyyaa Dubartootaa idil addunyaa ‘March 8’ dubartoota maamila baankichaa ta’anii fi baankicharraa liqeeffachuun Jiruufi jireenya isaanii gaggeeffachaa jiran waliin kabajeera.
Dubartoonni saganticha irratti hirmaatanis Baankiin Sikkeet jiruufi jireenya isaanii fooyyeeffachuuf hojii hojjetan hundaa keessatti liqaa dhiyeessuu dabalatee tumsa garaagaraa taasisaafii akka jiruu himaniiru.

Pireezidaantii Itti Aantuu Baankii Sikkeet Aadde Ma’aazaa Wandimmuu akka jedhanitti Hojjettoota waliigalaa baankichaa keessaa % 47 dubartoota. Akkasumas gaggeessitoota olaanoo baankichaa keessaa % 38 dubartoota ta’uu eeranii, kunis baankichi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu kan mirkaneessuudha jedhan.
Baankichi hojii fayyadamummaa dubartootaa fi dinagdeen gahoomsuu hojjechaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu himameera.
Jiraataa Biyyanaatu Gabaase