AMN- Sadaasa 09/2017
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr.) Indaastiriiwwan sochii ‘Itoophiyaan Haa oomishtu’ gaggeessan daawwataniiru.
Dooktar Abiyyi omishtummaan damee dhuunfaa biyya keessaa, misooma indaastirii biyyaalessaa galmaan ga’uu fi dinagdee cimsuuf shoora murtessaa taphata jedhan.
Indaastiriiwwan gurguddoo sochii ‘Itoophiyaan Haa Homishtu’ jedhu gaggeessan daawwachuus himaniiru.
Paarkii Indaastirii AMG Holdiingis kan buna sona itti dabalee erguu fi sibiila omishuudhaan beekamu, akkasumas Teknooloojii Daawitii Aandinnet kan hojiisaa daawwitii fi aluuminiyeemiin beekamu kanneen daawwatan ta’uu kaasaniiru.
Dhaabbileen kunneen gumaacha dameen dhuunfaa babal’ina indaastiriif taasisaa jiruuf fakkeenya gaarii kan ta’uu gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.