Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee pirojektii dhaabbii konkolaataa Eekkaa lakkoofsa 2 har’a eebbisanii hojii eegalchiisaniiru.
Bakki dhaabbii konkolaataa kun yeroo tokkotti konkolaattota kuma 1 keessummeessuu danda’a jedhameera.
Kantiibaa Adaanech Abeebee saganticharratti ergaa dabarsaniin magaalaa Finfinnee iddoowwan garagaraatti misooma kooriidarii waliin kan wal siman bakki dhaabbii konkolaataa fi tarminaalonni sadarkaasaanii eeggatan ijaaramuu himan.
Jijjiiramaan booda iddoowwan dhaabbii Konkolaattota kuma 35 yeroo tokkotti keessummeessuu danda’an, 150 ol ijaaramanii tajaajila kennaa jiraachuu himan.
Tajaajila geejjibaa ammayyeessuun bu’uura badhaadhina biyya tokkooti waan ta’eef bulchiinsi magaalaa Finfinnees damee geejjibaa ammayyeessuuf, xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Bakki dhaabbii Konkolaataa Eekkaa lakkoofsa 2 har’a tajaajilaaf banaa tahe kun darbiiwwn 8 kan qabu yoo ta’u kaameeraa eegumsaa ammayyaa, Suuqiiwwan 16, Bakka Konkolaataan itti dhiqamu 3, bakka magariisaa, mana qulqullinaafi bu’uuraalee misoomaa biroo kan guuttateedha.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.