Kantiibaa Adaanech Abeebeen Gamoo Siiniimaa ammayyaa eebbisuun tajaajilaaf banan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebeen Gamoo Siiniimaa ammayyaa eebbisuun tajaajilaaf banan

AMN PLUS- Onkoloolessa 04/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Gamoo Siiniimaa ammayyaafi guddicha eebbisuun tajaajilaaf banuu ibsan.

Aadde Adaanech miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Har’a ogeeyyii aartiif aaga dabalataa kan ta’e kompileksii siniimaa ammayyaa ijaarsisnee xumuruun hojii eegalchiisneerra” jedhan.

Gamoo siniimaafi tiyaatiraa daa’immaniifi dargaggootaa gosa isaan kan jalqabaa ta’e dhiyeenya eebbisiisuu kan yaadachiisan Aadde Adaanech, ammas indastirii fiilmii addunyaan irra geesse bira gahuuf akkuma karoorfannetti kompileeksii siiniimaa guddicha tajaajilaaf banaa gooneerra jedhan.

Gamoon abbaa darbii 15 ta’e kun bal’ina kaare meetira kuma 24 akka qabuufi bakka dhaabbii konkolaataa gulantaa afuriin kan qabu ta’uu eeran.

Galmootni siiniimaa lama, Daa’imman 592fi namoota ofbeekoo 887 qabachuu danda’an sirna sagalee qulqulluu teekinooloojii ammayyaan hidhame kan qabu ta’uu himan.

Dabalataanis kutaaleen fakkii, waajjiraalee, gaalarii aartiifi kaafteeriyaa, guddugaloota gabaa gurguddoo, suuqii, mana miidhaginaa, tajaajila baankii, tajaajila tikeetii, fi kutaalee tajaajila daawwannaa kennan ofkeessaa akka qabu ibsan.

Mooraa koompileeksichaattis bakka tapha daa’immanii, dirree ispoortii, bakka dhaabbii konkolaataa fi iskiriinii tajaajila beeksisaaf oolu ni argama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply