AMN- Mudde 10/2017
Mariin Magaalaan Finfinnee magaalota Fraans garaagaraa waliin michummaa qabdu caalmaatti cimsuuf dandeessisu gaggeeffameera.
Kaantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Itoophiyaatti Ambaasaaddara Fraans haaraa ta’uun kan muudaman Aleeksiis Laameeyik waliin marii hariiroo waloo cimsan taasisaniiru.
Tumsi biyyoota lamaanii qajeeltoo fayyadamummaa waloorratti kan hundaa’e ta’uu Aadde Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf Ambaasaaddar Aleeksiis Laameeyik waliin mari’achuu isaanii ibsaniiru.
Dhimmoota michummaa magaalota Faransaay garaagaraa waliin qabnu caalmaatti cimsuuf dandeessisanirratti xiyyeeffachuun mari’anneera jedhan.