Keeniyaan muuxannoo hojii kooriidarii Magaalaa Finfinnee kan qooddate fakkaata

You are currently viewing Keeniyaan muuxannoo hojii kooriidarii Magaalaa Finfinnee kan qooddate fakkaata

AMN – Sadaasa 4/2017

Keeniyaan gidduu kana hojiiwwan magaala qulqulleesuu fi miidhagsuu ilaachisee hojiin kooriidarii akka eegalamu kallattii keessee jirti.

Pirezidaantiin biyyattii Wiiliyaam Ruuttoo torbee darbe yaa’ii “addunyaa beelarraa bilisa ta’e uumuu” jedhu irratti Magaalaa Finfinneetti geggeefame irratti hirmaachuun isaanii ni yaadatama.

Yaa’ii sana xumuruun akkuma biyya isaanitti deebi’aniin bulchiisa Magaalaa Naayiroobii, miseensota paarlaamaa Naayiroobii, Komishinii Laggeen Naayiroobii, Mana Maree Naannoo Naayiroobii waliin marii taasisaniiru.

Wiiliyaam Ruuttoon akka jedhanitti Naayiroobiin magaalaa guddoo biyya isaanii, karra galma naannoo baha Afrikaa waan taateef karoora mootummaa biyyaalessaa keessatti bakka addaa qabdi; kanaafis hojiin misooma kooridarii akka eegalamu qajeelfama hojii kennaniiru.

Haaluma kanaan miseensota paarlaamaa karoora guddaa laga Mat-haaree, Magaala Naayiroobii fi Laga Nigoongi haala itti qulqulleessuun danda’amuuratti marii geggeessaniiru.

Akkasumas ijaarsa daandii ammayya, ibsaa fi daree barnootaa dabalataa magaalattii keessatti ijaaruu irrattis marii gadi fageenyaa gaggeesuun gara hojiitti akka galamu kallittiin kaa’amuu isaa pireezidaantichi gama marsaa hawaasaa isaaniin ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply