Piriimiyerliigii Ingilaand bara 2025/26 boru eegala.
Kilaboonni Piriimiyerliigii Ingilaand jijjiirraa irratti gara paawundii biiliyoona 2 baasuun qophii isaanii xumuraniiru.
Liigichi tapha morkii shaampiyoonaan bara darbee Liivarpuul Anfiilditti Boornmaawuz simatuun eegala.
Seenaa Pirimeeliigii Ingilaand keessatti kan akka Maanchistar Yunaayitid torbee jalqabaan milkaa’e hin jiru.
Taphoota torbee jalqabaa Piriimiyerliigii Ingilaand 33 keessaa 22 kan injifate Yunaayitid qofa.
Cheelsiin taphoota 33 jalqabaa taphate keessaa 20 injifachuun garee milkaa’ina guddaa argate lammaffaadha.
Arsenaal fi Liivarpuul tapha 19 injifachuun sadarkaa 3ffaa qabatan.
Peep Gaardiyoolaan mana Maanchistar Siititti taphoota baniinsaa baay’ee injifachuun dursaa jira.
Gaardiyoolaan taphoota jalqabaa sagal itti Maanchistar Siitii dursuun taphate keessaa 8 injifateera.
Leenjisaan Arsenaal Artettaan shan yoo injifatu, Kan Niwukaastilk Eddiy Howe ammoo saddeet keessaa afur injifateera.
Taphataan tapha baniinsaa irratti goolii hedduu lakkoofsise ammoo Mohaammad Saalaadha, tapha 8 taphatee galchii 9 lakkoofsiseera.
Alaan Shiirer, Firaank Laampaard, Waayinii Ruunii fi Jeemii Vaardii tokkoon tokkoon isaanii goolii saddeet galchaniiru.
Misikkir Alamaayyootiin