Kitaabni seenaa Fiitawuraarii Abeebee Tufaa irratti xiyyeeffate Barreeffamee Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti eebbifame.
Kitaabichi fira dhiyoo Fitawaraarii Abeebee Tufaa Zawuduu Maammoo Abeebeen kan barreeffamedha. Mata dureen Kitaabichaa “Goota hin Jilbeeffanne” kan jedhudha.

Kitaabichi Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraan kan barreeffame yoo ta’u seenaa dhugaa Fitawaraarii Abeebee Tufaa akkaataa dhaloota barsiisuu danda’uun kan barreeffameedha.
Kitaabichi barreeffamee waggaa 17 booda kan maxxanfame ta’uu barreessaan kitaabichaa himniiru. Sagantaa eebba kitaabaa kanarratti Abbootiin Gadaa, Maatiin, firoottaan, Qerroo fi qarreen, fi Hoggantonni hojii mootummaa irratti hirmaataniiru.
Mangashaa Daargeetu Gabaase