AMN- Sadaasa 30/ 2017
Gareen Sarkasii dorgommii AMN qopheessu “Addis Talent Show” irratti dorgomaa jiru “Troupe ADC” riikardii fooyyessuun Galmee Dinqisiisoo Addunyaa (Guenness) irratti galmaa’e.
Addis Miidiyaa Neetiworkiin qophaa’uun dorgomtoota sagalee, taatoo, sarkasii fi kanneen biroon dorgomsiisaa kan jiru “Addis Talent Show” kennaafi dandeettii dargaggootaa haalaan guddisaa jira.
Hirmaattota dorgommii kanaa kan ta’an Gareen Sarkasii “African Dream Circus (Troupe ADC)” Poolii Chaayinaa Socho’urra daqiiqaa 1 keessatti yeroo 27f gaggaragaluun riikardii fooyyessuu danda’aniiru.
Addis Talent Show yeroo mara Sambata sa’aatii 2:00 fi Dilbata sa’aatii 7:00tti karaa AMN tamsa’a.
Antenee Alamaayyootiin