Kitaabni mata duree Gahumsa Dargaggootaa Cehumsa Hawaasaaf jedhu eebbifame

You are currently viewing Kitaabni mata duree Gahumsa Dargaggootaa Cehumsa Hawaasaaf jedhu eebbifame
  • Post category:Itoophiyaa

Yuunivarsitiin Harraambee Kitaaba Mata Dure Ga’umsi Dargagggootaa Ce’umsa Hawaasaaf jedhun Barreefame eebbisise

Pirezidaantin Yuniivarsiitii Harraambee Doktar Habtaamuu Takkaa Kitaabichi qindoomina Imbaasii Indooneezhiyaa waliin akka barreefame ibsaniiru.

Dargaggeessa Ga’umsaa fi Namuusa gaarii qabu horachuun nageenyaa fi misooma biyyaaf murteessa ta’uu ibsaniiru.

Abbaan Qabeenyaa fi Hojii Gaggeessan Dhaabbata Walii gala Daldalaa Harraambee Obbo Fayyisaa Araarsaa, sababni Dargaggoota irratti hojjachuun barbaachiseef, Dargaggoon dinaagdee biyyaa guddisuu fi hawaasa cimaa ijaaruun, humna hiyyummaa hirdhisuu danda’u waan ta’eefi jedhan.

Dhimmi Dargaggoo kan Mootummaa qofaaf dhiifamuu mitis jedhan Obbo Fayyisaan.

Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Obbo Maatiwoos Sobbooqaa, badhaadhina Ityoophiyaa milkeessuuf dargaggootaaf xiyyeefannoo kennun barbaachisaadha jedhaniiru.

Kanarratti hojiin Harraambeen hojjachaa jiru fakkeenya ta’uu himanii, Yuniivarsiitichaa galateefataniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Indooneezhiyaa Al Busriyaa Basnur,Kitaabichi dhaloota ilaalchaa gaarii qabu horachuun dabalata hariiroo Itiyoophiyaa fi Indooneezhiyaa kan cimsuudha jedhan.

Biyyi kamuu Kalaqaa fi teknoolojiin adda duree ta’uuf humna dargaggeessaarratti hojjachuu akka qabus himaniiru.

Kitaabicha barreessuuf Hayyoonni Itiyoophiyaa 7, Indooneezhiyaa irraa ammoo Hayyoonni 5 akka hirmaatan eerameera.

Guddataa Ajjamaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review