Komiishiniin Tuurizimii magaalaa Finfinnee damichaan carraa hojii uumuufi madda galii guddisuuf akka hojjetu beeksise

You are currently viewing Komiishiniin Tuurizimii magaalaa Finfinnee damichaan carraa hojii uumuufi madda galii guddisuuf akka hojjetu beeksise

AMN PLUS-Adoolessa 17/2017

Komiishiniin Tuurizimii magaalaa Finfinnee fuula duraaf, karoora magaalaa waliin bifa walsimuun damichaan carraa hojii uumuu, madda galii guddisuufi magaalaa Finfinnee dorgomtuu taasisuuf akka hojjetu Komishinarri Komiishinii Tuurizimii magaalaa Finfinnee Obbo Hundee Kabbadaa ibsan

Komiishiniin Tuurizimii magaalaa Finfinnee Hojiiwwan fuula duratti hojjetaman ilaalchisee Miidiyaaleef ibsa kenne.

Komiishiniin Tuurizimii magaalaa Finfinnee, dhiheenya Mana Maree magaalaa Finfinneetiin Labsiidhaan kan hundaa’e yoo ta’u, toorawwaan xiyyeeffannoo Komiishinichaa fuula duraa ilaalchisuun Obbo Hundeen miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Magaalaan Finfinnee bakkeewwan hawwata tuurizimii hedduu osoo qabduu xiyyeeffannoon damichaaf kennamee ture laafaa waan ta’eef,waggoottan hedduuf dameen tuurizimii akka seektera tokkootti Biiroo Aadaa,Aartiifi Tuurizimii jala turuu obbo Hundeen kaasanii, jijjiiramaan asitti xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf kenneen,damicha qofaatti hundeessuun barbaachisaa ta’ee argamuu himaniiru. Kunis murtoo seena qabeessa akka ta’e ibsan.

Kanaafis kaayyoowwan gurguddoo 12 qabachuun hojii keessa galuu himanii,hojiiwwan bu’uuraalee misooma tuurizimii irratti hojjetaman babal’isuuf ni hojjetamas jedhaniiru.

Kana malees,dhaabbilee fi waldaalee tajaajila akkasumas tuurizimii irratti hojjechaa jiran, galmeessuu, bulchuufi seeraan hojii keessa akka galaniif hojjetamaa jiraach Obbo Hundeen eeraniiru.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply