Konsartiin Irreechaa Guddichi 3ffaan jala bultii Irreechaarratti Galma Barkumeetti kan gaggeeffamu ta’uun ibsame
Dhaabbanni ‘Numaan Events and Promotion’ Konsartii Irreechaa Guddicha 3ffaa ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneera.
Artist Jaamboo Jooteefi Guutuu Abarraa dabalatee artistootni bebbeekamoo kudhan hojiisaanii kan irratti dhiyeessan konsartichi gatiin seensaa idilee Birrii 500 ta’uutu himame.
Xumuramuu Hidha Haaromsaa Guddicha hordofee kan kabajamu ayyaana Irreechaa baranaarratti sabaafi sablammoonni biyyattii uffata aadaa isaaniin miidhaganii akka irratti hirmaataniifiis waamichi dhiyaateera.
Bulchaa Nagaraatu gabaase.