AMN PLUS- Bitootessa 4/2017
Buufataalee raabsii boba’aa ugguran irratti tarkaanfii seeraa akka fudhatu Biiroon Daldala Bulchiinsa Magalaalaa Finfinee beeksiseera.
Magaalatitti hanqinni dhiyeesa boba’aa akka huinjirre kan ibsan Itti Gaafatamtuun Biircha Aadde Habiibaa Siraaj, buufataleen raabsaa boba’aa ugguran irratti tarkanfii seeraa akka fudhatamu beeksisaniiru.
Magalattiif beenzilli liitira miliyoona1.4 fi naafxaan liitira miliyoona 2 akka ta’e ibsuun, guyyaa har’aa magaalattii keessatti beenzilli liitira miliyoona 3.01fi naafxaa liitira miliyoona 3.87 buufatalee dhiyaachuu ibsaniiru.
Haa ta’u malee buufataaleen faallaadhaan tajaajila kana akka harkifatu kan taasisan fi osoo boba’aan jiru hinjiru jechuun kanneen rakkoo uuman fi seer-alummaa keessatti boba’an irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu akeekkachiisuu isaani odeeffannoon marsaa hawaasaa biiricharraa argame ni mul’isa.