AMN PLUS- Onkoloolessa 15/2018
Itoophiyaan qabeenya dhokatee jiru baastee akka fayyadamtuuf mootummaan cimee hojjataa akka jiru Ministirri Muummee Itti Aanaa Tamasgeen Xurunaa ibsaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) raawwii hojii kurmaana jalqabaa bara 2018 Mana Maree Ministirootaa waliin erga qoratanii booda, mariin adeemsifameera.
Ministirri Muummee Itti Aanaa Tamasgeen wayita kana, qabeenyi uumamaa Koyishaatti argamu hidharra darbee bakka hawwata tuuristii ajaa’bsiisaa ta’uu akka danda’u ibsaniiru.
Hidhi Koyishaa Anniisaa Meeggaa Waattii 1800 ol maddisiisuuf karoorfamee hojjatamaa jiru, pirojektii mootummaa jijjiiramaan baraarame tahuu kaasuun, bakkeewwaniifi qabeenya dagataman baasuun diinagdeedhaaf oolchuun akka danda’amu kan itti mul’isu akka ta’e himaniiru.
Cabaraa Curcuraa, Paarkii Halaalaa Kellaa fi Hidha Koyishaa walitti qindeessuun hojjachuun yaa’iinsa tuuristii dabaluuf gahumsa dabalataa akka ta’u ibsaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin