Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti Ijaarsi daandiiwwanii tumsa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneen ijaaramaa jiran raawwii gaariirra jiraachuu Waajjirri Daandiiwwaanii fi Loojistiksii Kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee hime.
Ittigaafatamaan Waajjirichaa Injinar Sisaay Sambatuu, rakkoo daandii furuuf sochii taasifamaa jiruun Kutaa Magaalichaatti hojiin misooma daandiiwwanii Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Magaalaa Finfinnee (AACRA) fi Bulchiinsa Magaalaa Shaggariin Kan hojjetamaa jiraachuu eeran.

Abbaa Taaytaa Daandiiwwan Magaalaa Finfinneetiin Pirojektoota buleeyyiin ijaarsifaama jiran keessaa: Pirojektii daandii asfaaltii Aanaa Waddeessaa, Kondominiyemii keessa keessaa naannawa Pirojektii-11tti dheerinni isaa 1.2KM, Raawwiin fiizikaalaa isaa 75%rra gahuu himan.
Gama biraanis Ijaarsi daandii Asfaaltii naannawa Pirojektii-16 fi prirojektii-11tti ijaaramaa jiru dheerinni isaa 1.3KM ta’e raawwiin fiizikaalaa isaa 85% irra kan gahuu ibsaniiru.
Pirojektoota daandii Asfaaltii fi Dhagaa bocamaa 20KM ol ta’u osoo hin xumuramin hafan humna guutuun galee xumuruun Komii fi gaaffii ummataa akka deebisuuf kan hojjechaa jiran ta’uu Injinar Sisaay dubbataniiru.

Gama biraan Bulchiinsa Magaalaa Shaggariin Pirojektoota buleeyyii ijaarsifamaa jiran keessaa: Pirojektii daandii Guddicha Shaggar Lot-1, dheerinni isaa 38.2Km ta’u keessaa 16.9Km Aanaa Galaan Arraabsaa fi Aanaa Tullu-Diimtuu keessatti argamu raawwiin fiizikaalaa isaa 32%rra gahuu eeran.
Pirojektii daandii Asfaaltii haaraa 1.34Km dheeratu Aanaa Tullu-Diimtuu,naannawa Inistitiwuutii Teknooloojii Shaggaritti ariitii guddaan kan ijaaramaa jiru yommuu ta’u, raawwiin fiizikaalaa isaas 25%rra gahee jiru ta’uu Injinar Sisaay Sambatuu ibsuu Odeeffannoon Waajjirri Kominikeeshinii K/M Koyyee Faccee AMN Dijitaaliif ergee ni agarsiisa.
Komii uummataa gama daandiin jiru furuuf daandiiwwan bulanii fi haaraa xumursiisuu, hojiiwwan hunda qindoominaan hojjechuu, deeggarsaa fi hordoffii pirojektootaa yeroo yeroon gaggeessuu qulqulluufi ariitii jedhametti akka xumuramuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus eerameera.