Kurmaana bara bajataa kanatti dhiibbaa jireenyaa uummatarra gahu salphisuuf hojiin hojjetame jajjabeessadha – Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN – Sadaasa 10/2017

Bulchiinsii Magaalaa Finfinnee kurmaana bara bajataa kanatti dhiibbaa jireenyaa uummatarra gahu salphisuuf hojiin hojjete jajjabeessaa ta’uu isaa kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanech yaa’ii idilee 1ffaa, waggaa 4ffaa Mana Maree Magaalaa Finfinnee har’a gaggeeffame irratti argamuun gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru.

Kurmaana darbe keessa pirojektoota namoota irratti xiyyeeffataniin wal qabatee manneen harka qalleeyyii kuma 2 fi 780 ol ijaaramanii maanguddoota fi jiraattota dadhaboon akka fayyadaman gochuun kantiibaa Adaanech ibsa kennaniin mul’isaniiru.

Akkasumas abbootii qabeenyaa hirmaachisuun jiraattota magaalattii kuma 500 ol ta’aniif maaddiin qooduu akka danda’ame eeraniiru.

Bulchiinsa kutaa magaalaa Kolfee Karaaniyoo wiirtuu nyaataa guyyaatti namoota harka qalleeyyii kuma 1 itti sooraman ijaaruu danda’uu fi lammiilee kuma 4 ta’aniif bakki jireenyaa mijataa ta’e akka argatan taasifaman akka fakkenaatti aadde Adaanech kaasaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply