Laamiin Yaamaal Waliigaltee Barseloonaa waliin qabu dheeresse

You are currently viewing Laamiin Yaamaal Waliigaltee Barseloonaa waliin qabu dheeresse

AMN PLUS Caamsaa 20/2017

Taphataan sarara moggaa Barseloonaa umrii waggaa 17 Laamiin Yaamaal waliigalteen kilaba Kaatalaan waliin qabu dhuma bara dorgommii 2025/26 kan xumuramu ta’uu hordofee waliigaltee hanga bara 2031’tti Kaampenuu isa tursiisu mallatteesseera.

Umrii waggaa 15’tti bara 2023 eegaluun Baarseloonaaf kan hiriire Laamiin Yaamaal taphoota hiriire 55’niin gooliiwwan 18 lakkoofsisuun kubbaawwan 25 ammoo mijeesseera.

Bu’aa akkaadaamii Laameesiyaa kan ta’e Laamiin Yaamaal Adoolesa dhufu umriin isaa waggaa18 kan guutu yoo ta’u taphataa umri xiqqaa kilabichaaf sadarkaa garagaraatti yeroo 100’f hiriredha.

Laamiin Yaamaal gaggeessummaa marsaa jalqabaa leenjisaa kilabichaa Haansi Filiikiin bara kana waancaawwan Laaligaa, Koppaa deelaareyi fi kan mo’aa mo’attootaa Ispeen injifachuun seenaa hojjeteera.

Baarseloonaan shaampiyoonsi liigii Awurooppaa bara kanaan morkii hanga walakkaa xumuraatti taasiseenis qoodni Laamiin Yaamaal guddaa ture.

Laamiin Yaamaal taphoota hanga ammaa 115 kilabichaaf taphateen gooliiwwan 25 kan lakkoofsise yoo ta’uu seenaa Laaliigaa, Koppaa deelaareyi fi mo’aa mo’attootaa Ispeeniin taphataa umrii xiqqaan goolii lakkoofsise ta’uu danda’eera.

Kilabni Kaatalaan Baarseloonaan ibsa Kibxata baaseen taphataan sarara moggaa kilabichaa Laamiin Yaamaal bakka pirezidaantiin kilabichaa Jowaan Laappoortaa argamanitti waliigaltee isaa waggoota dhufan 6’f dheeressuun beeksiseera.

Muktaar Abdallaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply