Lammiileen Itoophiyaa Kumni 3 fi 400 Saa’ud Arabiyaarraa deebi’an

You are currently viewing Lammiileen Itoophiyaa Kumni 3 fi 400 Saa’ud Arabiyaarraa deebi’an

AMN – Bitootessa 29/ 2017

Lammiileen Itoophiyaa Kumni 3 fi 400 Saa’ud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan gara biyyaa deebi’uun himameera.

Balalii marsaa 9’n lammileen gara biyyaatti deebi’an hundumtuu dhirota ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaarraa arganne ni mul’isa. Kanneen keessaa 33 guddattoota umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta’uunis himameera.

Bitootessa 3/ 2017 irraa eegalee marsaa 4ffaan lammiilee kuma 50 gara biyyaa deebisuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u hanga ammaatti lammiileen kumni 12 fi 317 gara biyyaatti deebi’aniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply