Leetanaal Jeneraal Taaddasaa Warradaan Obbo Geetaachoo Raddaa bakka bu’uun aangoo Pirezidaantummaa Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay fudhatan

You are currently viewing Leetanaal Jeneraal Taaddasaa Warradaan Obbo Geetaachoo Raddaa bakka bu’uun aangoo Pirezidaantummaa Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay fudhatan

AMN – Bitootessa 30/2017

Jeneraal Taaddasaa Warradaan Obbo Geetaachoo Raddaa bakka bu’uun aangoo Pirezidaantummaa Bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay fudhataniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr) ergaa karaa miidiyaa hawaasaan dabarsaniin har’a karaa nagaafi ifa ta’een sagantaa cehumsa aangoo haaraa raawwanneerra jedhan.

Naannoo baatii tokkootiif heera mootummaa Itoophiyaa, walii galtee Piriitoriyaafi marii hawaasa dippiloomsaasii itti dabaluun mariiwwan garagaraa taa’amaa turaniiru.

Barri aangoo Obbo Geetaachoo Raddaa akkaataa heeraatiin xumuramu hordofee hojiiwwan hafan qaama kamtu raawwata, mootummaan yeroo itti fufuu qaba ejjennoo jedhurra erga gahaamee boodas, cehumsa kana eenyutu hoogganee galmaan gahuu danda’a? mariiwwan jedhan taasifamaniiru.

Har’a karaa nagaafi ifa ta’een sagantaa cehumsa aangoo haaraa raawwanneerra. Leetanaal Jeneraal Taaddasaan waggoota lamaan darban itti aanaa Obbo Geetaachoo ta’uun tajaajilaa turaniiru. Ciminaafi hanqinaalee waggoota lamaan darban turanis nama sirnaan hubataniidha.

Leetanaal Jeneraal Taaddasaan hudhaalee naannoo Tigraay keessa jiran sirreessuun naannicha gara fuula duraatti ceesisuu danda’u ejjennoon jedhu qaama hunda biratti amanamummaa argateera.

Jeneraal Taaddasaan dheebuu nagaafi misoomaa ummaatni Tigraay qabu guutuun, akka obbolaawwansaa kaanii nagaan bahee akka galu gochuun, hojii sadarkaa Itoophiyaafi Afrikaatti fakkeenya ta’e hojjechuun carraa seenaan kenneef akka itti fayyadaman abdiin qaba jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply