AMN PLUS – Hagayya 22/2017
Mormi garagalee ilaaluuf uumame jedhama mitiiree? Yerooma xiqqoo morma nama dhukkubee of irra garagaluun ilaaluun nama dhibullee hangam yaaddoo akka uumu tilmaamuun nama hin dhibu.
Namnimaqaan isaa akka hin ibsamne barbaadu kun garuu waggoota Afran darbaniif garagalee ilaaluuf miti; bakka namni gahe gahuun saalfii itti tahe. Ba’aan isaaitti ulfaachuurra darbee sirni hargansuu isaa jeeqamaa, qilleensa fudhachuufi baasuun qorumsa itti tahee ture.
DoktorObsaa Birraatuu Ispeeshalistii Wal’aansa Baqaqsanii yaaluu Hospitaala Rifaraala Yunivarsiitii Ambooti, Wal’aansa baqaqsanii yaaluu kana irratti illee hirmaatanii jiru.

Haala isaas, AMN Digital’f ibsanii jiru. Ga’eessi waggaa 40 kuni torban lama dura gara hospitaalaa yeroo dhufu, haala wal xaxaa keessa akka ture yaadatu.Dhukkubbiin xannacha morma isaa irratti guddatee argamu kanaa cimaa akka ture dubbatan.
Maal kana qofa, waan itti ulfaatuuf ol jedheenama ilaaluu, of irra garagaluu mitii, asiifi achi socho’uunuu rakkisaa akka ture dubbatan, Dr. Obsaan.
Gareen qorannoo dhimmuma kanaaf hundaa’e erga ogummaa isaatti dhimma bahuun akkasumas kitaabotaafi qorannoowwan hedduu dubbisee booda, bira gahuu akka danda’es ibsan.
Wanti morma ga’eessa kana irraa kahuun gara irree isaa lamaanitti deemaa jiruufinaannoo morma isaa guutummaatti dhiita’uun isa dhaale kun quufa mormaa akkan taane bira gahuu ibsaniiru. Xannachi sababaa cooma hinn barbaachisne gogaa jalaa naannoo morma isaatti baate babal’achaaadeemuun rakkoo guddaa nama kanatti fiduu dubbatan. Dhibeen ‘Madelung’s Disease’ jedhamu kun akkuma addunyaatti iyyuu darbee darbee maleebaay’inaan kan mudatu akkan taane ibsaniiru, Dr. Obsaan.

Akka qorannoowwan mul’isanitti namoota Kuma Tokko keessa namoota muraasa irratticarraa uumamuu qaba jedhan. Ga’eessi kun mormi isaa akka malee dhiita’uun bhawaasa keessaa akka addatti bahu gochuurra darbee, sochiif waan isaf hinmijanneef hojjatee jiraachuu hin dandeenye jedhan.
Nyaachuufi dhuguu, qilleensa seensisuufi baasuu ykn harganuun, ciisuun akka isaaf hin danda’amne kan ibsan Dr. Obsaan amma ammoo gara Somba isaatti illee deemaa akkature himaniiru.
Ergaqophii barbaachisu hundumaa taasisanii booda, ogeessotni 3’n kutaa wal’aansi baqaqsanii yaaluu itti taasisamu seenan. Isaanis Dr. Obsaa Birraatuu, DrSiinboonaa Araarsaa fi Dr. Birhaanuu Niguseefi ogeessotni kanneen biro hirmaachuun, xannacha cooma qaama namaa keessatti hin barbaachifneen uumame kana yaalii sa’aatii5 fudhateen dhabamsiisuu danda’anii jiru.

Qindeessaangaree wal’aansa kanaa Dr. Obsaan, morma ga’eessa kanaarraa xannacha Kiiloo Giraama 3 fi walakkaa ol ta’u kana dhabamsiisuuf sa’aatii 5 akka isaanitti fudhateibsanii jiru.
Ga’eessikun yeroo ammaa fayyaa gaarii irratti akka argamu kan dubbatan Dr. Obsaan, amma sirnaan harganuu akka danda’e itti dabaluun dubbataniiru. Boqonnaa yeroomuraasaa booda ammoo, qaamuma xannacha kanaa kutaalee qaama namtichaa irratti argaman akka dhabamsiisan AMN Digital’itti himaniiru.
Kutaaleenhawaasaa garaa garaa yeroo qaama isaanii irratti mallattoowwan hin baratamne akkasii argan dafanii gara dhaabbata fayyaa dhaquun rakkoo wal fakkaataa ittiaansee dhufuu malu irraa of baraaruun, fayyaa isaanii eeggachuu qabu jechuun dhaamaniiru.
MalkaamuuAbbabaatiin,