Luusiiwwan tapha deebii isaanii har’a Yugaandaa waliin taasisu

You are currently viewing Luusiiwwan tapha deebii isaanii har’a Yugaandaa waliin taasisu

AMN PLUS, Guraandhala 19, 2017

Gareen Biyyalessaa dubartoota Itoophiyaa tapha deebii gulaallii Waancaa Afriikaa har’a Istadiyemii Abbabaa Biqilaatti geggeessa.

Torban darbe gara Kaampaalaa imaluun Yugaandaan goolii 2-0’n injifatamee kan deebi’e garichi har’aa maarsa lammaffaan Finfinnetti ni falmatu.

Guyyaa kaleessaa ibsa Gaazexessitootaaf kan kennan leenjisaan garee Biyyalessaa dubartoota Itoophiyaa Yooseef Gsbrawald gara maarsa itti aanutti darbuuf humna keenya hundumaa ni fayyadamna jedhaniru.

Dursituun garee Luusiiwaanii Loozaa Abarraan tapha darbee injifatamnerra, garuu kufneerra jechuu miti, daqiiqaa 90 qabna, dirree keenyatti fayyadamnee ni injifannas jettetti.

Rabbirraa Hirphaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply