Maaddii qoodun jaalalaa fi kabaja jiraattota keenyaf qabnu kan itti agarsiifnuudha- Aadde Adaanech Abeebee.

You are currently viewing Maaddii qoodun jaalalaa fi kabaja jiraattota keenyaf qabnu kan itti agarsiifnuudha- Aadde Adaanech Abeebee.

AMN PLUS- Ebila 8/2017

Maaddii qoodun jaalalaa fi kabaja jiraattota keenyaf qabnu kan itti agarsiifnuudha jedhan Kantiiban Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.

‎Kantiibaa Adaanech Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun hawaasa harka qalleeyyiif Maaddii qoodaniiru.

‎Kantiibaa Adaanech Sagantaa Maaddii qooduu kanarratti ergaa dabarsaniin,Maaddii qoodun jaalalaafi kabaja jiraattota keenyaf qabnu kan itti agarsiifnuudha jedhan.

‎Abbootii Qabeenya Sagantaa Maaddii qooduu kanarratti hirmaatanis galateeffataniiru.

‎Komishinarri Komishinii Qindeessaa Tola Ooltummaa fi Hirmaannaa Uummataa Magaalaa Finfinnee Yimaar Kabbadaa, Magaalaan Finfinnee jijjiiraman as hojii namoomaarratti xiyyeeffachuun hojjatameen aadaan wal gargaarsaa hir’achaa dhufe akka deebi’u ta’eera jedhan.

‎Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun akka magaalaatti namoota kuma 5f kutaalee magaalaattiitti ammoo namoota Kuma 200f Maaddii qoodamaa akka jiru ibsaniiru.

‎Guddataa Ajjamaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply