Magaala Keenya bareedduu fi ammayyaa taasisuuf sochiin misooma koridariittiin jalqabne bu’aa agarsiisaa jira – Obboo Adam Faaraah

AMN – Muddee 4/2017

Hogganaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaa Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaa obboo Aadam Faraah akka jedhanitti magaaloota biyya keenyaa bareedaa fi ammayyaa taasisuuf hojiiwwan misooma koridooriitiin jalqabne firii argachaa jedhaniiru.

Muuxannoowwan milkaa’oo Magaalaa Finfinnee keessatti argaman gara magaalota naannootti babal’isuudhaan bu’aa qabatamaan galmaa’aa jiraachuu isaa ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii dabarsaniin eeraniiru.

Fakkeenyaaf, misoomni koridoorii Magaalaa Harar bifa magaalattii jijjiiruun hangam gumaacha olaanaa akka taasisu hubachuu dandeenya jechuun yaadachiisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply