AMN PLU-Ebla 20/2017
Magaalaa Finfinnee saamicha karaa gurmaa’een raawwatamu, hattummaafi yaaddoo nageenyaarraa bilisa gochuuf hojiin nageenya kabachiisuu eegalame cimee itti fufuu akka qabu ibsameera.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadee Adaanech Abeebee hoggantoota magalatti waliin hojii nageenyaa Magaalaa Finfinnee ji’oottan 9 darbanii qorataniiru.
Kantiibaa Adaanech waltajjicharratti, caasaa nageenya guddinaa fi jijjiirama magaalatti madaalu ijaaruurratti hojiin hojjetame gaarii ta’uu kaasan.
Hojimaata qindoomina qabu jabeessuun sochiiwwan yaaddoo nageenyaa ta’an dursanii adda baasurratti hojiin hojjetame gaarii akka ta’e kaasan.
Yakkoota hir’isuuf ummata magalatti kallattiin abbaa nageenyaa taasisuun, shakkamtoota adamsanii to’anno jala oolchuun qorachuu akkasumas akka adabaman taasisuun magaalattii nagaa, tasgabbii fi hawwasasheef bakka jireenyaa mijata taasisuuf hojjii hedduun hojjetamuu fi kanaanis bu’aan galmaa’uu himaniiru.
Sochiiwwan yaaddoo nageenyaa ta’an dursanii adda baasuu, uummanni abbummaan nageenyasaa akka eeggatu gochuu, yakka ittisuufi shakkamtoota adamsanii qabuu, qorachuufi tarkaanfii seeraa fudhachiisuurratti hojiin fakkeenyummaa qabu hojjetameera.
Magaalaan magaalaa tasgabbooftuu, jireenyaafi mijattuu gochuurrattis hojii hojjetameen bu’aan galmaa’eera.
Gama caasaa nageenyaatiin deeggarsi hunda galeessi qaamolee nageenyaatiif taasifamu hamilee gaarii uumuu kaasuun, dandeettiin yakka ittisuufi to’achuu magaalaa Finfinnee yeroodhaa gara yerootti guddachaa dhufuu ibsaniiru.
Bu’aan kun argamuu kan inni danda’e Jiraattonni magaalatti raayyaa nageenyaa jalatti gurmaa’uun qoodasaanii bahaataa jiraachuu, caasaan nageenyaafi tasgabbii, humni Poolisii, danbii kabajsiisuu fi qaamoleen nageenyaa federaalaa qindoominaan hojjechuun akka ta’es himaniiru.
Magaalaa Finfinnee saamicha karaa gurmaa’een raawwatamu, hattummaafi yaaddoo nageenyaarraa bilisa gochuuf gahumsa dhaabbilee cimsuun, hojii riifoormii jabeessuun,naamuusa tajaajiltummaa goonfachuun, hawaasa hojii nageenyaarratti hirmaachisuun, qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojjechuun akka irraa eegamuufi bu’aafi jijjiiramoota argaman daran cimsuun akka irraa eegamu Kantiibaa Adaanech Abeebee hubachiisuu isaanii waajjira kantiibaarraa odeeffanne.