Irreechi faajjii tokkummaa fi obbolaawummaati- Dargaggoota Finfinnee fi Shaggar

You are currently viewing Irreechi faajjii tokkummaa fi obbolaawummaati- Dargaggoota Finfinnee fi Shaggar

Irreechi faajjii tokkummaa fi obbolummaati jedhan dargaggoonni Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii, Kooyyee Faccee fi Galaan.

Dargaggoonni kutaalee Magaalaa sadanii, akkaataa ayyaana Irreechaa dudhaa eeguun kabajuun danda’amu irratti waliin mari’ataniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Hoji Raawwachiisaa Kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaallittii Obbo Mohammad Ahimad, irreechi falaasama sirna gadaa keessaa kan madde sirna Oromoon uumaa uumamaan ittiin galateeffatu fi waltajjii siyaasa kamirraayuu bilisa ta’eedha jedhan.

Dargaggoonnis ayyaanni kun akkaataa dudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf ciminaan hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Dargaggoonni marii kana irratti argaman, Irreechi Faajjii Tokkummaa fi obbolummaa Oromoon qoodinsa siyaasaa fi amantaa tokko malee waliin ta’uun akkaataa duudhaa ayyaanichaan ayyaana kabajuudha jedhaniiru.

Keessummoota kabaja ayyaana irreessaaf dhufanis akkaataa duudhaa oromoon simachuuf qophaa’uu dargaggoonni kunneen himaniiru.

Sisaay Dirribaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review