Kutaa Magaalaa Eekkatti jala bultiin ayyaana Irreechaa mata duree “Irreechi Olka’insa Biyyaaf jedhun qophiin taasifame.
Kabajni ayyaana irreechaa baranaa, bara Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa itti eebbifamee waan ta’eef adda isaa taasisa jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee Obbo Mogos Baalchaa.

Irreechaa mallattoo jaalalaafi obbolummaa uummatni Oromoo eegee kunuunsee nu biraan ga’e kana bulchiinsi magaalichaa haala adda ta’een kabajuuf qophii isaa akka xumures ibsaniiru.
Obbo Mogos itti dabaluunis keessummoota ayyaana kanaaf dhufan simachuun miidhagsinee daran akka addunyaatti beekamu gochuuf gaheen Magaalaa Finfinnee olaanaadhas jedhaniiru.
Hoji Raawwachiisaan Kutaa Magaalaa Eekkaa Obbo Fitsum Hayilee gamasaaniin Irreechi ayyaana nagaafi araaraa waan ta’eef karaa duudhaasaa eeggateen dhalootaa dhalootatti dabarsuu qabna jedhan.
Abdiisaa Fufaatu gabaase.