Misoomni Magaalotaa kan mirkanaa’uu gaggeessummaa hoggansi jijjiiramaa kennuufi Hirmaannaa Jiraattotaani jedhan Ministirri ministerra Misooma Magaalotaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii.
Magaalonni giddu gala misoomaafi Fakkeenya Badhaadhinaa akka ta’aniif hojjetamaa jiraachuus Aadde Caaltuu Saanii himaniiru.
Akka biyyaatti Magaalonni Akka ammayyaa’aniif Bu’uuraalee Misoomaa guuttatanii , hojiin Misoomaa, siyaasaafi Bulchiinsa gaarii Akka keessatti mirkanaa’uuf hojjetamaa jiraachuun himaniiru.
Aadde Caaltuun, wayita Fooramiin Magaalota Itoophiyaa 10ffaan kabajamu kanattis waadaa keenya Haaromsaa Magaalota Jiddugala hojiileen Namooma irratti xiyyeefate keessatti hojjetamu Akka ta’uufis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Fooramiin Magaalota Itoophiyaa 10ffaan Naannoo Affaar Magaalaa Samaraa loogiyaatti Kabajamaa jira.
Fooramii kana irratti Magaalonni 150 olii fi dhaabbbileen 10 hirmaachaa kan jiran ta’uun ibsameera.
Sisaay Dirribaatu gabaase