Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp wixinee qabxii 20 qabu Gaazaa ilaalchisee qopheessan raggaasisuun Boordii Nageenyaa hundeesseera.
Akkaataa wixinee raggaasifame Kanaan, Boordiin Nageenyaa(BoP) hundaa’e, Humni Tasgabbii Idil-addunyaa (ISF) haala bulchiinsaa, haaromsaafi ijaarsa akkasumas tattaaffii nageenya gara Gaazaatti deebisuuf taasifamu olaantummaan kan hoogganu akka ta’e beekameera.
Manni marichaa wixinee kana harka 13’n yoo raggaasisu, Chaayinaafi Raashiyaan sagalee kennuu irraa of qusataniiru.
UN’tti bakka bu’aan Ameerikaa Maayik Waltz, “Ibiddicha dhaamsinee, ifa nagaatti tarkaanfachuuf wixineen kun humna qaba” jedhaniiru.
Waraana Gaazaa dhaabuun, biyyoota ollaa akka Kaataar, Saawudi Arabiyaa, Gamtaa Eemireetota Arabaa, Turkiyee, Paakistaaniifi Indooneshiyaa wajjin labooba dippiloomaasii guddaa qabsiisuuf ashaaraa murteessaa Pirezidaanti Tiraamp kaa’ani akka ta’ettis ibsaniiru.
Wixineen raggaasifame kun nageenya uummata Gaazaa eeguurra darbee, meeshaan waraanaa kamiyyuu naannawichatti akka hin dhukaneefi naannawicha yaaddoo kamirraayyuu walaba taasisuuf karoorfamuu ibsameera.
Pirezidaanti Tiraampiin deggeramanii Hamaasiifi Israa’el waliigaltee dhukaasa dhaabuu taasisuun ji’oota muraasa dura lammiileen Paalastaayin kuma dhibbaan lakkaa’aman, Gaazaaatti deebi’anis, Israa’el dhukaasa itti fuftee turuu ishee irraan kan ka’e, “Boordiin Nageenyaa kunoo hagam ergama Tiraampiin qabameef galmaan ga’a”? jechuun xiinxaltootni ni gaafatu.
Madda: Anadolu, BBC fi Rueters
Malkamuu Abbabaatiin qindaa’e