Yaa’iin Gamtaa Afrikaa turizimii magaalaa keenyaaf simboo dabalataa ta’eera- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Yaa’iin Gamtaa Afrikaa turizimii magaalaa keenyaaf simboo dabalataa ta’eera- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Processed with VSCO with a1pro preset

AMN PLUS Guraandhala 10, 2017

Yaa’iin Gamtaa Afrikaa Magaalaa Finfinneef miidhagina dabalataa ta’uun diinagdee sochoosuu bira darbee bakkeewwan hawwata tuuriizimii fi maqaa gaarii magaalattii akkasumas aadaa keesummaa simachuu jiraattotaa gama beeksisuun gumaacha taasisuu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Yaa’iin 38ffaan Gamtaa Afrikaa haalaa kan kanaan duraarraa adda ta’ee fi miidhaginaan gaggeeffamaa turuun kaleessaa galgala xumuramuu ibsaniiru.

Keessummoonni Yaa’ii kana irratti hirmaatan jijjiirama Magaalaa Finfinnee dinqisiifachaa as turuu akka barbaadaniifi as akka deddeebi’an dubbachuu isaanii dhageenyeerra jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply