Mariin biyyaalessaa hirmaachisaafi milkaa’aa akka ta’uuf Paartileen Siyaasaa kutannoon Kan hojjetan ta’uun Komiishinii Marii Biyyaalessaa ibse

You are currently viewing Mariin biyyaalessaa hirmaachisaafi milkaa’aa akka ta’uuf Paartileen Siyaasaa kutannoon Kan hojjetan ta’uun Komiishinii Marii Biyyaalessaa ibse

AMN PLUS- Adoolessa 11/2017

Mariin biyyaalessaa hirmaachisaafi milkaa’aa akka ta’uuf Paartileen Siyaasaa kutannoon Kan hojjetan ta’uu Dubbii Himaan Komiishinii Marii Biyyaalessaa Obbo Xibabuu Taaddasaa ibsa Miidiyaaleef Kennaniin Himaniiru.

Akka Biyyaatti Paartilee Siyaasaa 63 kan jiran ta’uu komiishinichi Ibsuun, Paartilee siyaasaa kanneen waliin marii taasise keessaa dhibbeentaan 83% rakkoolee jiran mariin furuuf qophii ta’uufi marii biyyaalessaa keessattis hirmaannaa taasisaa jiraachuu Dubbii Himaan Komiishinichaa Ifoomseera.

Mariin biyyaalessaa hirmaachisaafi milkaa’aa akka ta’uuf paartileen siyaasaa kunneen gama isaaniin kutannoon kan hojjetan ta’uus Obbo Xibabuun kaasaniiru.

Rakkoolee biyya kanaaf furmaatni marii ta’uu paartileen siyaasaa kunneen kan ibsan yoo ta’u, kanaan faallaa paartileen siyaasaa muraasni hundeeffama komiishinichaarraa kaasee marii biyyaalessaa keessatti hirmaachuuf fedhii akka hin qabne Dubbii Himaan Komiishinichaa Obbo Xibabuu Taaddasaa ibsanii ammas paartileen siyaasaa kunneen gara mariitti akka dhufaniif yaaliin kan taasifamu ta’uu eeraniiru.

Marii biyyaalessaa taasifamaa jiru keessatti hirmaannaan dubartootaa karaa hiika qabuun daran akka dabaluuf komiishinichi bal’inaan hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Gama biraatiin lammiileen qaama seeraa jala jiran marii biyyaalessaa keessatti karaa bakka bu’oota isaanii akka hirmaataniif qaama dhimmi ilaalu waliin hojjetamaa jiraachuun ifoomeera.

Abdiisaa Fufaatu Gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply