Garee Shanee Marroon durfamuuf nama murteessaa ta’uun kan himamuuf Shoodeen, tarkaanfii Raayyaan Ittisa Biyyaa fudhateen ajjeefamuu dhagahame.
Shoodeen Marroo waliin ta’ee Marii Taanzaaniyaa Daare Salaamitti geggeeffame irratti bosonaa bahee hirmaachaa kan ture ta’uu himameera.
Marii Taanzaaniyaa booda Shoodeen Ajajaa Humna waliigalaa Godinaalee Wallaggaa ta’uun Marroon muudamuu odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.