Miidiyaaleen nageenyaaf cimanii hojjechuu akka qaban ibsame

You are currently viewing Miidiyaaleen nageenyaaf cimanii hojjechuu akka qaban ibsame

‎AMN PLUS- Onkoloolessa 27/2018

‎Miidiyaaleen Gootota nageenyaa gootomsuun nagaaf hojjechuu akka qaban Barreessaan olaanaan yaa’ii Dhaabbilee Amantaa Magaalaa Finfinnee Soortuun Wangeelaa Taamiraat Abagaaz ibsan.

‎Nageenyarratti waan gaarii hojjechuun hawaasnis gahee isaa akka ba’atuu taasisuun dirqamaa lammummaa cimsuun akka barbaachiisus himaniiru.

‎Dursanii rakkoon osoo hin uumamiin odeefannoo dhugaa, madaalawaa hawaasaafi qaama dhimmi ilaallatuun gahuun miidhaa hambisuuf hojjechuun dirqama ogeessota miidiyaalee ta’uu akka qabus kaasaniiru.

‎Addunyaa dhugaan boodaa kana keessatti walitti dhufeenyi uummataa akka cimuu, nageenyi waaraa akka dhufuuf ilaafi ilaameen akka mirkanaa’uuf miidiyaaleen cimanii hojjechuu akka qaban Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Bulchiinsa Nageenyaafi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee obbo Birhaanuu Rattaa ibsaniiru.

‎Miidiyaaleen rakkoo nageenyaaf furmaata akeekuun waloomaaf hojjechuu akka qabanis Obbo Birhaanuun dubbataniiru.

‎Zallaqaa Oljirraatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply