Milkaa’uuf gatii baramee ol kaffaluu nu barbaachisa- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

You are currently viewing Milkaa’uuf gatii baramee ol kaffaluu nu barbaachisa- MM Abiyyi Ahimad (Dr.)

‎AMN PLUS- Qaammee 3/2017

‎Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad guyyaa Milkaa’inaa, har’a Qaammee 3 kabajamu ilaalchisuun ergaa dabarsaniin milkaa’ina argamsiisuuf daandii baramerraa bahuun, yeroo baramee ol hojjachuufi gatii baramee ol kaffaluun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

‎Guyyaa Milkaa’inaa, kanatti ergaa dabarsaniin, “Idaan dhaalle baay’ee, daandiin irra imallu dheeraa, fedhiin uummata keenyaas bal’aadha” jedhan.

‎Ministirri Muummee, “Imala suutaa barame sanaan boqonnaa badhaadhinaa barbaadnu bira hin geenyu. Filannoon qabnu gulantaawwan tokko tokko utaaluudha” jechuunis ergaa dabarsan.

‎Abiyyi (Dr.) “Kanaaf ammoo kalaqniifi saffisni murteessitootadha. Daandii baramerraa bahuu, yeroo baramee ol hojjechuu, gatii baramee ol kanfaluu nubarbaachisa” jechuun daran cimanii hojjachuun akka eegamu dhaaman.

‎”Kaayyoon keenya boqonnaa tokkorraa gara boqonnaa kan biraatti cehuu miti. Kaleessarraa utaallee gara borii gahuudha” kan jedhan Ministirri Muummee, bor irra gahuuf har’a tarkaanfachuun, isaaf ammoo saffisaafi kalaqni murteessoo tahuu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply