Sirni Gadaa Ambaasaaddara Oromoo fi Uummata Gurraachaatti – Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa

You are currently viewing Sirni Gadaa Ambaasaaddara Oromoo fi Uummata Gurraachaatti – Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa

AMN PLus – Amajjii 16/2017

Mariin paanaalii sirna wal irraa fuudhiinsa Baallii Gadaa Booranaa Haroomsa booda 72ffaa adeemsifamaa jira.

Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbiruu mariicharratti ergaa dabarsaniin, Oromoon Sirna Waqeeffannaa, Sirna Bulchiinssa, aadaa fi falaasamaa mataa isaa danda’ee addunyaaf gumaacheera jedhan.

Gadaan uummata Oromoo fi uummattoota gurraachaaf ambaasaaddara ta’uun dilbii aadaa, beekumsaa fi daandeettii uummatichi qabu addunyaatti mul’isuun qooda bakka bu’iinsa hin qabne baahateera jedhaniiru.

Sirni Gadaa cunqursaa fi gidiraa meeqa damdamachuun dhaloota har’aaf gahe ta’uus himaniiru.

Mootummaan jijjiiramaas Sirna Gadaa cunqursa hedduu damdamatee as gahe, sirna barnootaa keessatti hammachiisuun dhaloota safuu fi duudhaa ganamaan badhaadhe horachuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsani.

Qaamooleen waldhaansoo hammaattuu keessa darbuun Sirna Gadaa tursiisanis seenaa boonsaa dhalootaa dhalootatti darbu waan hojjetaniif galatatu malaafi jedhan Aadde Jamiilaan.

Mangashaa Daargeetu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply