Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) Kamisa dhufu waliin taanee seenaa hojjenna ergaa jedhu dabarsan !

You are currently viewing Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) Kamisa dhufu waliin taanee seenaa hojjenna ergaa jedhu dabarsan !

‎AMN PLUS-Adoolessa 23/2017

‎Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) fuula miidiyaa hawaasa isaanii irratti ergaa dabarsaniin Itoophiyaan torban kana sagantaa ashaaraa magarisaafi qormaataf kan hin jilbiiffannee taasisuun

‎Ijaarama boruutif tattaaffi gootun irra deebin ni kaati jedhaniiru.

‎Boru saa’aatii 12 eegalee qaamni hojii ashaaraa magarisaa ta’e hunduu guyyaatti biqiltuu miliyoona 700 dhaabuun kaayyoo milkeessuuf ni hiriirras jedhaniiru.

Kaayyoo ol jedhaadha, cimina keenya, tokkummaa keenyaafi ummata keenyaaf ejjeennoo qabnu ni agarsiifna.

‎Kun biqiltuu dhaabuudha ol, xiqqaa guddaa osoo hin jedhin kan magaalaa kan baadiyyaa lammiileen hunduu naannoo isaanii bayyanachiisuuf, madda bishaanitti fayyadamuu, haalli jireenyaa akka foyyaa’uuf akkasumas dhaloota egereetif jijjiirama boru itti fufinsa qabu mirkaneessuuf gochaa irratti hirmaannuudhas jedhan.

‎Hundi keessanuu hojii guddaa kanarratti akka hirmaattaniifi akka hirmaachiftan nan hubachiisa. Waliin taanee mukkeen cicciimoo qofa osoo hin taanee Itoophiyaa cimtuufi magarisa taatee ni guddisna jechun ergaa dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply