Ministirri Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunee Magaalaa Gondoritti Indaastirii ‘TTK’ zayita nyaataa aatoo boonsituu irraa gartokkeen calalee oomishu eebbisanii hojii eegalchiisaniiru.
Ministirri Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunee hojiilee misoomaa Magaalaa Gondoritti hojjetamaa jiran daawwachuuf Magaalaa Gondar dhaqaniiru.
Bulchaan Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa, dursaan Itti aanaa Kantiibaa Magaalaa Gondor Chaalaachoo Daanyewu, Hooggantoonni Olaanoo Naannichaa fi ummanni magaalichaa Buufata Xiyyaaraa Gondar Mootii Tewoodiroositti argamuun simataniiru.
Indaastiriin kun birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 74n kan ijaarame yoo ta’u guyyaatti daakuu atoo boonsituu toonii 120 fi zayitii nyaataa gartokkeen calalame oomishuu akka danda’u ibsameera.