Ministirri Muummeen Abiyyi Ahimad (Dr.) du’aan boqochuu Albartoo Vaarneeroo gadda isaanitti dhaga’ame ibsan

You are currently viewing Ministirri Muummeen Abiyyi Ahimad (Dr.) du’aan boqochuu Albartoo Vaarneeroo gadda isaanitti dhaga’ame ibsan

AMN PLUS- Waxabajjii 13/2017

Ministirri Muummeen Abiyyi Ahimad (Dr.) du’aan boqochuu Albartoo Vaarneeroo gadda isaanitti dhaga’ame ibsaniiru

Ministirri Muummee Abiyyi (Dr.) fuula midiyaa hawaasaa isaantiin erga dabarsaniin Albeertoo Vaarneeroon bara 1950 keessa eegalee damee ijaarsa Itoophiyaa keessatti adda duree akka turan eeruun, du’aan boqochuu isaaniitti gadda natti dhagahame ibsuun barbaada jedhan.

Hojii seenaa qabeessa hojjetan keessa Galma Komishinii Diinagdee Afrikaa, Manna Qopheessaa Magaalaa Finfinnee, Waajjirri Muummee Baankii Daldalaa Itoophiyaa, Hoteelli Hiiltan, Galma Barkumee, Haaromsi Buufata Xiyyaaraa Jimmaa Abbaajifaar, Manna Kitaabaa Abrihoot, Paarkii Tokkummaafi Haaromsa Masaraa Biyyaalessaa isaan hojjetan keessatti kan eeramani jedhan.

Hojiin isaanii dhalootaan kan yaadatamu kan jedhan Abiyyi (Dr.), lubbuu isaaniif boqannaa namoota du’aan boqochuu isaaniitti gaddaniif immoo jajjabina hawwaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply