AMN – Sadaasa 3/2017
Carraa hojii biyya keessaa babal’isuu fi ammayyeessuu dabalataan carraa gabaa hojii idil-addunyaa keessatti argamu guutummaatti fayyadamuu irratti xiyyeeffannaan akka hojjetu Ministeerri Hojii fi Ogummaa ibseera.
Kun kan ibsame waltajjii raawwii hojii fi kallattii gara fuula duraa eksipoo hojii biyyaalessaa 5ffaa irratti yeroo mari’atamee dha.
Waltajjicharratti bu’aa milkaa’ina dhaabbileen hojjattoota qacaranii kan cimsu dabalatee dhimoota bu’uura hojii uumuu irratti mari’ateera.
Haala kanaan gahuumsa dhaabbilee hojjattoota qacaran cimssuun namoota hojii dhabeeyyii fi qacartoota walitti fiduun cimee kan itti fufu ta’uu isaatu ibsame.
Hojii biyya keessaa babal’isuu fi ammayyeessuun irra darbee sadarkaa idil-addunyaatti hojii fagoo dabalatee carraawwan damee adda addaa irratti argaman guutummaatti fayyadamuuf akka hojjetamu akeekameera.
Haala kanaan dameen dhuunfaa ga’ee isaanii akka ba’an, gufuu isaan mudatan hiikuu fi lammiileen carraa hojii qulqullina qabu aragatani irraa fayyadamoo akka ta’an haala mijataa uumuuf tattaaffiin eegalame cimee akka itti fufu ibsameera.
Marii kanarratti Ministirri Hojii fi Ogumma Aadde Mufariyaat Kaamil fi Deetaa Minisiteera Obbo Salamoon Sookaa dabalatee aangaa’oonni ‘dereja.com’ fi ‘ethio jobs’ argamuu isaanii odeeffannoon Ministeera Hojii fi Ogummaa irraa argame ni mul’isa.