AMN – Amajjii 14/2017
Miseensota WBO daandii nagaa filatanii galaniif sirni galateeffannaa fi beekkamtii kennamuu isaa Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.
Garaagarummaa siyaasaa karaa nagaatiin hiikuudhaan nageenya uummataa waaressuuf waliigaltee Mootummaa fi WBO gidduutti taasifameen miseensonni WBO hedduun karaa nagaatiin galuudhaan leenjii haaromsaa fudhachaa turaniiru.
Leenjii kennameen miseensota WBO waamicha uummataa owwaatanii qabsoo daandii nagaatti deebi’an kanneen dhimmoota biyyaalessaa fi mata dureewwan garaa garaa irratti hubannoo isaanii akka gabbifatan gochuun danda’ameera.
Miseensota WBO nagaa ummataatiif dursa kennuun qabsoo hidhannoo irraa deebi’uun leenjii fudhachaa turan kanneeniif sirni galateeffannaa fi beekamtii Abbootii Gadaatiin kan taasifameef yoo ta’u, daandii nagaa filachuun agarsiiftuu injifannoo waan ta’eef murtee sirrii fudhataniif galata guddaa akka qaban Abbootiin Gadaa ibsaniiru.
Ajajaa olaanaan WBO kan turan Obbo Sanyii Nagaasaa leenjitootni beekumsaa fi hubannoo leenjii kanaan argatan galaa taasifatanii gochaa qabatamaadhaan mirkaneessuuf caalmaatti akka of qopheessan leenjitootaaf dhaamuu isanii odeeffannoon Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarra ni mul’isa.