Misooma Sululaa: Bu’uura Cehumsa Hundagaleessaa- Obbo Shimallis Abdiisaa

You are currently viewing Misooma Sululaa: Bu’uura Cehumsa Hundagaleessaa- Obbo Shimallis Abdiisaa

Ergaa Pirezidaantii MNO Obbo Shimallis Abdiisaa

Bulchiinsa qabeenya umamaa ittifufiinsafi madaallii naannawaa eege mirkaneessun dhimma filannoof dhiyaatu miti. Duudhan keenya kunuunsa qabeenya umamaa lubbuu ittifufsiisudhaan walqixxeessa ture. Adeemsan dimimmisuu duudhaa kanarraa kan ka’e, mancaatii hedduun gaheera. Mootummaan Jijjiiramaa keenya mancaatii caalu hambisuuf, galmoota qonna irratti qabate milkeessuf, akkasumas dinagdee magariisa qormaata jijjiirama qilleensaa dandamatu dhugoomsuf rakkoolee gama kunuunsafi eegumsa naannawaatin jiran furuun dhimmaa ijoo ta’uu hubatee socho’uu irratti argama. Bu’uuruma kanaan, gama tokkoon Sagantaa Ashaaraa Magariisaa gama birootin misooma sululaa xiyyeeffannoo addaatin raawwachuu irratti argama.

Hojii baldhaafi humna guddaa gaafatu kun hirmaannaa cimaa ummata keenyaa malee kan milkaa’u hinturre; ummannis akkaataa duudhaa isaatin karaa Tajaajila Lammummaa sochoosun milkeessera. Hirmaannaa ummanni keenya taasiseefi bu’aa argamsiisef Mootummaan Naannoo Oromiyaa beekamtii olaanaa kenna.

Hojii boonsaa waggoottan darban hojjateen, ummanni keenya bu’aawwan jajjabeessoos argachaa jira. Lafti qonnaa, bosonaafi dheedichaa manca’ee faayidaa ala ta’ee ture tajaajilatti deebi’aa jira.

Kuufamni bishaan lafa jalaas ta’e gubbaa dabaluu irratti argama. Burqaawwan kosaniifi haroowwan goganii turan bakkatti deebi’uu jalqabaniiru.

Sululoonni manca’anii turan misooma dammaa, nyaata beeyladaa, muduraalee, qurxummii, xaawulaafi kkf’niin dargaggootafi dubartootaf madda carraa hojiifi galii ta’aa jiru. Walumaagalatti mancaatii caalu hambisuufi eegumsa madaalli umamaa cimsuun milkaa’ina galmoota keenyatiif bu’uura kaa’uu cinaatti, hawaasa idil-addunyaa biratti biyya keenyaf maqaa gaarii horuun danda’ameera.

Bara kanas, muuxannoowwaniifi jijjiirama waggoottan darban argamaa jiran cimsuun, biyya magariisa dhalootaa dabarsuuf dhaadannoo “Qabeenya Umamaa Eeguu, Kunuunsuufi Ittifayyadamuun Dirqama Dhaloota Har’aati!” jedhuun karoora xiiqii qabachuun hojii eegaleerra.

Bara 2017 kanatti, hojii suluulota maqeessuu “GPS/GIS”n raawwatameen sululoota 6,465 qabnu keessaa sululoonni 5,660 kan maqeeffaman (codified) yoota’u, kanneen hafanis xumuruuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira.

Karoora hojii nafootin (physical) sululoota 6,465 keessatti lafa hkt. 3,232,500 misoomsuuf qabanneerra.

Bifuma kanaan, daagaa gosa adda addaa km 1,247,929, caasaalee bishaan yaasan metirkuubii 3,221,499, caasaalee bishaan qusatan 16,734,317 ijaaruu; hallayyaa gaabiyoonifi dhagaa metirkuubii 853,265 gahuun hidhuu; hallayyaa km 1,665,927 mukaan hidhuu; lafa hkt. 698,230 tuttuqqaa irraa bilisa taasisuu; dagaa adda addaa km 261,837 suphuu kan raawwannu ta’a.

Hojiin kun akkuma yeroo maraa bara kanas hirmaannaa ummataa barbaada. Bara kanas ummata mil. 10’tti dhiyaatu gama Tajaajila Lammummaatin hirmaachisuuf karoorfameera. Ergamni kun ergama hambaa umamaa keenya haala amansiisaan oolchuu, hiyyummaa seenaa taasisuufi imala badhaadhina milkeessuti.

Hoggansi keenya sadarkaan jirtan ittigaafatamummaa olaanan akka sochootan cimsee kanan hubachiisu ta’a. Dhumarrattis, ummanni keenya kabajaman, akkasumas dhimmamtoonni misoomaa keenya hundi, karoora egeree dhalootaa murteessu kana gama dandeessan hundaan tumsuun gahee keessan akka baatan waamicha kabajaa isiniif dhiyeessuun barbaada.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply