Misoomni Finfinneetti mul’ate mallattoo Cichoominaati- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Misoomni Finfinneetti mul’ate mallattoo Cichoominaati- Kantiibaa Adaanech Abeebee

‎AMN PLUS- Qaammee 1/2017

‎Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen “Biyyi bu’uura jabaa irratti ijaarame, qormaata yeroo kamiifuu hin jilbeeffattu jedhan.

Aadde Adaanech Guyyaa Cichoominaa Qaammee 1, “Bu’uura Cimaa, Biyya Jabduuf” jedhuun kabajamu ilaalchisee ergaa dabarsaniiru.

Biyyi bu’uura cimaa irratti ijaaramte yoomiyyuu harkaa hin kennitu kan jedhan Kantiibaa Adaanech, xumura irrattis kan injifatu akka tahe agarsiisa” jechuun ergaa dabarsaniiru.

“‎Lammiilee Itoophiyaaf jabinni akkuma buna keenyaa, akkuma Laga Abbayyaa akka ibsama tokkootti ilaalama” jechuun ibsaniiru.

‎Jijjiiramootni sadarkaa biyyaatti argaman jabina biyyattii akka mul’isan addeessan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebe

Magaalaa Finfinnee keessattis jijjiiramootni ajaa’ibsisoo garaa garaa jabina jiraattota magaalittiifi hooggansa hojii kanaaf halkaniifi guyyaa dadhabe nuffe osoo hin jedhiin hojjatee agarsiiseen tahuu addeessaniiru.

‎Isaan keessaa misooma koriidorii, qarqara Laggeenii, sassaabbii galii, nageenya irratti akkasumas gama maraan misoomni magaalattiin sadarkaa addunyaatti akka dinqisiifatamu taasise mul’achuu ibsaniiru.

‎Gara fuulduraattis badhaadhina kana itti fufsiisuuf aarsaa barbaachisu hundumaa kaffaluufi cichoominni ejjennoo hin sochoone irratti bu’uureffame jiraachuu ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply