Sirni to’annoo tiraafikaa fi bulchiinsa dhaabbii konkolaattotaa Magaalaa Finfinnee maanuwaalii irraa gara dijiitaalaatti ce’e

You are currently viewing Sirni to’annoo tiraafikaa fi bulchiinsa dhaabbii konkolaattotaa Magaalaa Finfinnee maanuwaalii irraa gara dijiitaalaatti ce’e

AMN – Muddee 24/2017

Abbaan Taayitaa Bulchiinsa Tiraafikaa Magaalaa Finfinnee sirna to’annoo tiraafikaa fi bulchiinsa dhaabbii konkolaattotaa magaalichaa maanuwaalii irraa gara dijiitaalaatti ol-guddisuu isaa har’a beeksiseera.

Abbaan Taayitaatichaa sochii tiraafika magaalattii seeraan gaggeesuuf dhaabbata ‘Infra Tech Software Enhancer’ jedhamu waliin ta’uun sooftweerii, konkolaachiftoota seera tiraafikaa cabsan, adabbii tiraafikaa fi kaffaltii dhaabbii konkolaattotaa itti kaffalan ijaareera.

Sooftiweerin kun teeknoolojii dijitaalaa fayyadamuun kaffaluu kan dandeessisu ta’uun isaas himameera.

Abbaan Taayiticha lammiilee sababa balaa tiraafikaatiin lubbuu isaanii dhabanii fi kanneen miidhaa qaamaa fi xiinsammuu irra gahu baraaruuf jecha caasaa fi tarsiimoo nageenya daandii diriirsuu fi sirna bulchiinsa tiraafikaa cimaa fiduuf hojiiwwan hedduu raawwachaa turuu isaa Daarikteerrii ol-aanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Kibabawu Miidhagsaa ibsaniiru.

Sooftiweeriin har’a ifoomee hojiitti seenuuf qophaa’e kun sirna tiraafikaa ammayyaa hawaasaaf kan fidu yoo ta’u, dambii geejjibaa daandii fooyya’e lakk. 557/2016 hojiirra oolchuun hojii to’annoo ni ammayyeesa jedhaniiru.

Teeknoolojiin kun dadhabbii tajaajilamtootaa hir’isuun kaffaltii adabbii tiraafikaa fi tajaajila dhaabbii konkolaattotaa gara dijitaalaatti jijjiiruun baasii nagaaheef bahu qarshii miliyoona 17 hanbisuun akka danda’u Obbo Kibabawun eeraniiru isaanii Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Tiraafikaa Magaalaa Finfinnee irraa odeeffanne.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply