Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (Dr.) bu’uura misoomaa niwukilaraa ijaaruuf waliigaltee dandeessisu Raashiyaa wajjin mallatteeffamuu ilaalchisee, Wiirtuun Saayinsii Niwukilaraafi Teekinooloojii akka ijaaramu beeksisaniiru.
Madda anniisaaf kan oolu ijaarsi Gabbisa niwukilaraa kun faayidaawwan biroollee qabaachuu eeraniiru. Isaan keessaa qonnaafi wal’aansa fayyaaf akka fayyadu ibsaniiru.
Anniisaa Niwukilaraa akkamiin Tajaajila wal’aansa fayyaaf dhimma itti ba’uun danda’ama jedhamee gaafatamuun isaa waan hin oolle.
Akka itti aanutti faayidaa anniisaa niwukilaraa muraasa eerra.
Inni jalqabaa wal’aansi fayyaa niwukilaraa keemikaala balaqqee hammaan baay’ee xiqqaa ta’e fayyadamuun, dhibamtootaaf qorannoofi yaalii (Raadiyoo Faarmaasiitikaal) akka taasisnu nu gargaara.
Kunis, Keemikaalli balaqqee maddisiisu baay’ee xiqqaa ta’e kun erga qaama namaa keessa seenee booda, meeshaalee qorannoo qaama namaan alatti ergaman kanneen akka (SPECT/CT, PET/CT, PET/MIR) fayyadamuun fakkiiwwan erga.
Kanaanis;
Dhibee dhiigaan wal qabatu
Dhukkuba Taayirooyidii
Dhukkuba Onnee
Dhukkuba Ujummoo Fincaanii.
Dhibee Narvii
Rakkoo Lafee, Infekshinii, Caba dabalatee. Daranyoo sombaa fi dhibee sombaan Wal qabatan
Kalee
Dhibee waa irraanfachuu (Alzaayimarii)
Jeeqama Sammuu
Dhukkuba tiruu, infekshinii, madaa akkasumas kanneen biroo qorachuufi yaaluudhaaf teekinooloojiin niwukilaraa faayidaa guddaa qaba. yaaluudhaafis ni oola.
Siitii Iskaan (CT) fi “MIR” irraa wanti adda isa taasisu ammoo maloota yaalii kanneeniin ilaaluufi qorachuuf kan oolan yoo ta’an niwukilaraan qorachuun garuu dhibeen kun jalqabuma irraa kaasee boca isaa illee dabalataan waan adda baasee agarsiisuuf seenaa dhibee sanaa beekanii yaalii sirrii ta’e argachuuf nama dandeessisa.
Bu’aawwan qorannoo kanaa ammoo
Dhibee beekuuf (Diagnosis)
Sadarkaa dhibee kanaa murteessuuf (Disease Severity Assessment)
Sadarkaa tamsa’ina kaansarii beekuuf (Staging)
Kaansariiwwan adda addaa yaalii booda deebii kennan beekuuf (Treatment Response)
Kaansarii yaalii booda mudachuu malu beekuuf (Cancer Recurrence)
Yaalii Balaqqee dura balaqqee bakka kaansarii irra qubate beekuuf (treatment planning)
Gosoota qorannoofi yaalii jedhaman sirriitti adda baasuuf wal’aansa ammayyaa kanatti dhimma ba’uun barbaachisaadha.
Dabalataanis, Qorannoo taasisuun alatti, Dhibeewwan Indokiraayiniifi Niwuro Indokiraayinii, kaansarii pirotestii gara lafeetti tamsa’e, kaansarii tiruu mar’ummaan furdaatti tamsa’eefi dhibamtoota kaansarii taayirooyidii qaban haala ammayyaatiin yaaluuf wal’aansi niwukilaraa faayidaa olaanaa qaba.
Tajaajilootni kanneen osoo biyya keessatti kennamanii baasiifi yeroo dhibamtootni biyya alaatti deemuun qisaasessan hambisuun alatti carraa asumatti dafanii fayyuu argachuu malu.
Itoophiyaatti tajaajila teekinooloojii niwukilaraa kana eegalchiisuuf gabbisni Anniisaa Niwukilaraa karoorfamee hojiin isaa eegalamaa jiru, rakkoo hawaasummaafi diinagdee biyyattii furuun badhaadhina eegalame galmaan ga’uu keessatti ga’ee olaanaa qabaata.
Madda: CDC fi Cleveland College
Malkaamuu Abbabaatiin