• Itoophiyaa sabddannoofte ijaruuf ayyaanonni gurguddoon akkasii bakka sirrii ta’etti kabajabamuun isaanii miidhagina Itoophiyaa, olka’insa Itoophiyaa, tokkummaa Itoophiyaa agarsiisu
• Aarbaamiciin madda tokkooma keenyaa, nagaa keenyaa fi jalalaati
• Kitaaba tokkorra Mana Kitaabatu caala; sababiin isaa manni kitaaba of keessatti kitaaba heddu qabaachuu waan danda’uuf. Itoophiyaanis fakkeenyummaa mana kitaabaa qabdii. Sababiin isaa of keessatti Saboota, Sab-lammootaa fi ummattota hedduu of keessatti waan qabduuf.
• Itoophiyaan of keessatti beekumsa, midhagina, Simboo fi mallattoo adda addaa hammatti.
• Kitaabni tokko qophaa isaa madda beekumsaa ta’uu hindanda’u. Akkasuma sabni tokko qophaa isaa guutuu miti. Kana waan ta’eef jabaa ta’uuf tokkummaan barbaachisaadha.
• Beekumsa hedduu Itoophiyaan bakka adda addaatti qabdu kana qophaa qophaatti fayyadamuurra maqaa Itoopyiyaatiin bakka tokkotti itichuun fayyadamuuf ayyaani akkasii barbaachisaadha.
• Guddina Itoophiyaan qabdu hubachuuf naannumaa, mandara, qe’ee fi gooxii irraa bahuun ilaaluun barbaachisaadha.
• Itoophiyaan galaana waraabamtee hindhumne waan taateef ishee baruuf laphee keenya gara nagaatti, misoomatti deebi’uun waliin hojjechuu, wal utubuun barbaachisaadha.
• Bosonni Aarbaamincii walitti hirkatee tuuta guddaa akkamuma uume ummani keenyas walitti dhufuun tokkumaasa cimsachuu qaba
• Falaasama Ida’amuutiin seenesa walootiin tokkumaa cimsuutu nurraa eeggama
• Dhalootni har’aa nagaa itichuuf qooda mataasaa bahuun Itoophiyaa ceesisuu qaba.
• Naannoo Oromiyaatti gareewwan qabsoo hidhannootiin socho’aa turan tibbana nagaa filachuun mootummaa waliin akkuma mari’atan kenneen biroos toora kan akka filatan dhaamsa dhiyeessa.
AMN – Sadaasa 29/2017