MM Abiyyi Ahimad (Dr.) qaamoleen oomisha Paappayyaa irratti bobba’an tattaaffii dachaan akka hojjetan waamicha dhiyeessan

AMN- Sadaasa 15/2017

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (Dr.) oomisha Paappayyaarratti kanneen bobba’an omisha dachaan dabaluuf akka tattaafatan waamicha dhiyeessaniiru.

Dooktar Abiyyi gama miidiyaahawaasummaa isaaniin Paappayyaan dhiyeessii biyya keessaaf ooluu fi gabaa alaaf humna qaburraa ka’uun Itiyoophiyaatti sanyiiwwan muduraa gumaachaa olaanaa qaban keessa tokko jedhan.

Adeemsa qonnaa dagagfaman fayyadamuun qonnaan bultoonni oomishaa fi bu’aa olaanaa argachuu akka danda’an akeekaniiru.

Kanaaf hojii oomisha Paappayyaarratti kanneen bobba’an hundi oomisha isaanii dachaan dabaluuf akka tattaafatan waamicha dhiyeessaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply