Ministirri muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) fi Giifti Duree Zinnaash Taayyaachoon hojiiwwan misoomaa Naannoo Somaalee daawwachuuf Magaalaa Jigjigaa seenaniiru.
Daawwannaa kana irratti hirmaachuuf Ministirri Muummee Itti Aanaa Tamasgeen Xurunaafi Obbo Adam Faaraah dabalatee anga’oonni olaanoon biroo Dooktar Abiyyi waliin imaluu Odeeffannoon Waajjira Ministira Muummee irraa arganne ni mul’isa.