AMN PLUS- Amajjii 16/2017
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Godina Daawurootti Warshaa Dhiqaa Albuuda Dhagaa Cilee eebbisiisuun hojii eegalchiisan.
Dooktar Abiyyi, Warshaa Dhiqaa Albuuda Dhagaa Cilee Waldaa Aksiyoonaa Misooma Albuudaa ET jedhamu Godina Daawurootti ijaarame eebbifnee hojii eegalchiifnerra jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Warshaan kun sadarkaa biyyaatti oomisha Dhagaa Cilee fooyyessuurra darbee jiraattoota naannawichaa hedduuf carraa hojii kan uume ta’uu himaniiru.